YAHIYA MOHAMMED

(GOLA SHANKOR)

Oromo Graphya fugug keeyssatti hundeeffama magaalootaa dura iddoo bitaa gurguriin itti gageeffamtu keeyssa takka Biyyoo jaldeessaatti.biyyoon jaldeessaa Biyyoo sulula fugug keeyssatti hunda'an keeyssa Biyyoo adareetti aanttee magaaloota zeylaa wajjiin hariiroo daldalaa qaban keeyssa isii takka . Akka qorataan seenaa w.c Barker bara 1842ti barreessetti magaalaa tana warri hundeesse oromo afran qalloo gosa noolee Akka tahan ragaa bahe Jira. Ammaas barreessan seenaa dhalataa lammii xaaliyaan Kan tahe Pietro poiro namnii jedhamu magaalaa tana April bara 1886 keeyssa Akka daawwatee Ture Barruu isaa gubbatti ifa godhe Jira.garuu jaarruma San keeyssa maatiin Amiir Abubaker maqaa qalaadaatiin bulchaa Akka turaniifi achii booda ugaasa issaatiif ugaas Farahiif Akka dabarsanii laatantu himama. Bara 1887 eega minilik hararge dhuunfate Booda iddoo waraanni minilik maadheefate keeyssa takka jaldeessa. Biyyoon jaldeessaa Jiddu gala ona noolee Akka turteefi iddoo gosti Gurguraa jalqaba bakka bitaa gurgura itti eegalte. Gara biraatiin biyyoon jaldeessaa hundeeffama magaalaa dirree dhawaatiif bu'uura Akka turte nibeekama. Haa tahu male Kufiinsa jaldeessaatiif Akka sababa tokkotti Kan ka'uu hundeeffama daandii baaburaa Akka tahe Ni himama.bara 1977 gaafa Lola somaale Waraanni Somalia iddoon inni dura dhuunfate keeyssa takka jaldeessa.waraanni Somalia gaara jaldeessa maadheefachuun dirree dhawaa madaafan rukutaa Akka turan ni yaadatam.garuu faburary 4- 1978 waraanni itiyopiyaa birgeediin 9ffaatiifi Waraanni kuubaa jaldeessa bilisa baase.... Amma biyyoon jaldeessaa naannoo somaale shinilee jala seente jirtti.

July 20 at 6:27 AM · Facebook for Android · Public