Ka'umsa mootii jimmaa beekamaa kan ta'e

  1. Abbaa Jifaar xinnaa(2ffaa)

Muhammad Daawud Alii Daangilaa Osee Koobii Horoo Diggoo Jaarsoo Koloo Waayyuu Hariiroo Jimmaa Hakaakoo Maccaa Raayyaa Sirbaa ....jedhamu.

Abbaan Jifaar kan dhalatan bara 1861 masaraa Abbaa Gommol abbaa isaanii Jireen jiru keessatti ture. Kan isaan dhalatan Abbaa Gommol mootii Jimmaafi haadha isaanii intala mootii Guumaa Gennee Guumayittii Haliimaa bint Anshaa jedhamtu irraa ture. Gaa’illi kun karoora Abbaan Booqaa Islaama baballisuuf qaban irraa ka’ee jidduu mootii Jimmaafi Guumaatti akka raawwatame himama. Sababa kana Diggoon Jimmaafi Adamiin Guumaa walitti soddooman. Intala mootii Guumaa Abbaa Duulaa kana mootoleen Gibee shananii hunduu akka gaafatanii turan manguddooleen ni dubbatu. Boodarra ulaagaa kaa’anii Abbaa Gommol Jimmaatti heerumsiisan. Innis ilma isii mootii Jimmaa godhuu ture. Abbaan Gommolis ulaagaa kana yoo ilmi isii kan jalqabaa dhiira ta’e akka mootii godhan waadaa seenan. Kanarraa ka’uun soddummaan isaanii kaayyoo amantiifi siyaasaa akka qabu dubbachuu dandeenyuu dha, Maqaan isaanii kan dhalootaa Muhammad bin Daawud bin Aliiti. Maqaan Oromummaa immoo Tulluu ture. Kan yeroo ammaa awwaala isaanii irratti barreeffamee argamu Muhammad bin Daawudiifi Abbaa Jifaar jedha. Gara caalu maqaa taayitaa isa Abbaa Jifaar jedhuun beekamu. Osoo taayitaa hin fudhatin dura maqaa Abbaa Bulguu jedhu akka qaban Dr. Kataboon Cechi irraa nuuf himeera. Ogga taayitaa fudhatan maqaan Abbaa Jifaar jedhamu moggaafameef. Kaayyoon isaas qaroominaafi guddina Abbaa Jifaar guddaan argamsiisan sana deebisee argamsiisa kan jedhu abdachuu irraa kan ka'ee dha jedhu,

Abbaan Jifaar abbaa isaaniitiif ilma afraffaa ta’anis haadha isaanii Haliimaadhaaf kan jalqabaa turan. Aadaa Oromoo keessa duraan ture keessatti yeroo mootiin du’e ilma isaa kan hangafaatu taayitaa dhaala ture; garuu waadaa yeroo gaa’ilaa ture irratti hundaa’uudhaan akkuma dhalataniin akka mootummaa abbaa isaanii dhaalan murtaa’e. Masaraa abbaa isaanii keessatti guddatanii achumatti Qur'aana qara’an. Afaan Arabaafi barumsa Islaamaa siyaasaa wajjin baratan. Aadaa Oromoos sirriitti kan barataniidha Yeroo abbaan isaanii Abbaan Gommol du’an taayitaa isaanii dhaalan. Bara Abbaan Gommol du’an ilaalchisee barreessitoonni seenaa yaada lama qabu. Gariin 1875 yoo jedhan kaan immoo 1878 jedhaniiru. Hanga Muhammad bin Daawud muudamutti duuti Abbaa Gommol dhokfamee iccitiin qabame. Muudamni taayitaa masaraa keessatti geggeeffame. Seenaan Abbaa Jifaar guddaa baay’ee guddaa waan ta’eef maqaa isaaniitiin moggaafaman.

Erga Muhammad bin Daawud muudamee ka’ee labsiin armaan gadii dabarfame: Iyyaa iyya dabarsaa Mootichi darbaniiru Ilmi gennee Guumayittii mootomaniiru, kan jedhu ture, Akka manguddooleen jedhanitti hanga A/Jifaar guddatanitti amartiin A/Billoo A/Diimaa harka ture. Sababni isaas isaantu yeroo Haliimaan fuudhamtu ilma isii mootii taasisuu waadaa gale waan ta’eef. Hanga Abbaan Jifaar guddatanii of danda’anii bulchuu eegalanitti A/Dikoo A/ Billoo A/Magaal, haati isaanii Genneen Guumittii, Abbaa Goolee Abbaa Jiilchaafi abbootiin qoroo kan biroo ga’ee guddaa taphataa turan. Barreeffamoota garii keessatti manguddoo kana hunda isaaniirra kan ga’ee guddaa taphatte Gennee Guumittii turte jedha. Garuu manguddoonni baay’een kan biyya bulchaa ture A/Dikoo A/Billooti jedhu. A/Billoo kun ilma A/Magaal isaan mootii Jimmaa 2ffaa turaniiti. Abbaan Dikoo nama tooftaafi ogummaa guddaa qabuudha. Bara A/Jifaar keessayyuu kan biyya bulchaa ture A/Jifaar caalaa A/Dikoo akka ture manguddoonni kan dubbatudha. Dhimma rakkisaa ta’e hundaa furuuf isaantu waamama ture. Yeroo Minilik gaaffii ulfaataa A/Jifaaritti dhiheessellee kan furmaata itti kennu A/Dikoo kana ture. Minilik mataan isaa A/Jifaariin “kan biyya bulchaaru si osoo hin taane namicha sana” jedhaa ture. Abbaan Dikoo masaraan isaanii Dedoo keessa ture. Jireen keessaas masaraa ni qabu turan. Garuu bakki jireenya isaanii Dedoodha. Abshaalummaa isaanii keessaa akka fakkeenyaatti kan dubbatamu yeroo tokko  : hiriyaan wal jaallatan lama gaagura hidhuuf bosona seenan. Inni tokko muka yaabee inni lafaa gaagura finyootti hidhaaf ture. Ogga kana inni mukarra jiru dameen mukaa cabee isa fudhatee isa lafaa irratti kufe. Inni gubbaa dhufe hafee inni lafaa du’e. Ogga kana maatiin isa du’ee isa kanas ajjeefnee awwaalla malee gumaa hin fudhannu jedhan. Jaarsummaan yeroo baay’ee dubbatamee ulfaannaan A/Dikoo murtiif waaman. Ogga kana “gumaa hin fudhattanuu?” jedhanii gaafatan. Maatiin isa du’ee “ni ajjeefanna malee hin fudhannu” jedhan. Abbaan Dikoos “egaa seera Islaamaa keessatti namni akka ajjeesetti ajjeefamaa isin keessaa nama mukicha yaabee dameen isaa ittiin gadi cabee mucicha ajjeesu nuuf kennaa” jedhan. Ogga kana firri isa du’ee hunduu ni didan. Waan godhan wallaalanii gumaa qabeenyaa fudhatan. Abshaalummaan A/Dikoo kan Manguddooleen dubbatan kan biroos baay’eedha. Kanaafuu manguddooni bara A/Jifaar keessallee harka caalu kan biyya bulche A/Dikooti malee A/Jifar miti jedhu. Haati A/Jifaar Haliimaa A/Duulaa ogga A/Gommol du’an ijoollummaa qabdi ture. Achumaan A/Billoo A/Diimaa kan jalqaba dhaqanii isii dubbatanii turan A/Waajii A/Xiiqiitti isii heerumsiisan. Ijoollee lama kan booda A/Dikoo fi A/Garoo jedhaman A/Waajii kanaaf da’an. Ummanni A/Waajii A/Xiiqiitiin waamuu dhiisee Genneen waama ture. Kanaafuu A/Dikoo Gennee fi A/Garoo Gennee jedhamu turan.                                        

Akka odeeffannoon baay’een jirutti bara 1875-1878 tti deeggarsa warra kanaatiin bulchaa turan. Turtii waggaa afurii booda bitootessa bara 1878 Abbaan Jifaar of danda’anii bulchuu jalqaban. Yeroo isaan bulchan keessas A/Dikoo A/Billoo ga’ee guddaa akka qaban dubbannee dabarsine. Madrasaan qoroo jaatama keessatti argamu hunduu akka cimee barumsa Islaamaa barsiisu godhan. Beektolee Islaamaa warra Wolloo irraa ajjeechaa Yohaannisiifi Minilik Shawaa baqatanii dhufan akka masjidaafi madrasaa keessatti barsiisan godhan. Aalimoota deeggaranii koolu galtummaa kennaniifii qubsiisan. Akkuma Abbaan Jifaar taayitaa guutuu qabataniin yeroo gabaabaa keessatti Amaarri dachii Oromoofi sablammoota Kibbaa weeraruuf dhufan. Takle Haymaanoot bara 1881 Goojjam irraa ka’ee Minilikiin dachii wal saamuuf jecha gara Jimmaa dhufe. Waraana isaa kan hogganee dhufe Raas Darasuu ture. Abbaan Jifaar ulamootaafi manguddoo dubbii beekan waamanii dhimmicha ibsanii mariitti seenan.kunis Dafnee furmaata wahii irra gahuu qabna yaadajedhuudha, . Ulamoonniifi manguddooleen garaagarummaa meeshaatiifi diinni dhihaachuu ilaaluudhaan ittiin loluun ni ulfaata yaada jedhutti daban. Keessumaa A/Dikoo A/Billoo gonkuma hin ta’u jechuu dubbatan. Erga warri Guumaa lolaaf ka’aniis kan odeeffannoo Shawaa, Arsii, Harariifi Wolloo qorachuudhaan gonkuma loluun hin ta’u jedhe isaan ture. Abbaan Jifaar immoo diinaaf gibira kennuun hin liqimfamneef ture. “Maaliif jihaada hin labsinu?” jedhan. Achumaan mootummoolee Islaamaa naannoo sanaa Guumaa, Gommaa, Limmuufi Geeraa waamanii waliin jihaada labsinee biyya keenya tiksina jedhaniin. Diinni ariitiin gara Jimmaa waan dhufaaruuf isa dhaabsisuufi yeroo dheeressuuf loltoota isaanii irraa hanga ta’e filatanii gara ‘Xiroo Afataatti’ ergan. Xiroo Afataatti diinaan wal qunnamuun; humni Abbaa Jifaar achumaan injifatame. Yeroo kana Abbaan Jifaar nama Abbaa Reebuu Qajeeloo jedhamu erganii Darasuun maal akka barbaadu gaafatan. Humni Muslimoota naannoo kan gamtaan biyya tiksuuf waamame ni ture. Ulamoonni akka Abbaan Jifaar jihaada hin labsine dhorkan. Keessumaa sheekhonni Guumaa Sheykh Aadam ‘erga diinni daangaa keenya keessa seenee jihaada hin labsin’ jedhanii akeekkachiisan. Gibira kennuu wayya yaada jedhu irra ga’an. Abbaan Reebuu Qajeeloo kan Darasuutti ergame deebi’anii ‘wanti Darasuun barbaadu gibira fudhachuufi dachii keessan keessa qaxxaamuruu qofa’ jedhan. Yeroo kana Abbaan Jifaar sababa dhiibbaan haadha isaaniitiifi kan ulamootaa itti ulfaateef gibira kennuu qeebalan. Waraanni Darasuu daangaa Jimmaafi Limmuu irraan akka darbu godhame. Abbaa Joobir Guumaa ogga Abbaan Jifaar gibira kennuu dhaga’u baay’ee aaree kophaa isaa jihaada labse. Guumaa keessatti naannoo laga Dhidheessaatti iddoo ‘Bakkee Ganjii’ jedhamutti lolli guyyaa tokkoo erga geggeeffamee humni Guumaa waan dadhabdeef ni injifatamte. Abbaan Joobiriifi obboleessi isaanii Abbaan Diggaa ni wareegaman.

Haala kanaan Guumaan to’annoo jala oolte. Mootoleen Oromoo kibbadhihaa kan biroo hunduu sababa tokkummaa hin qabneef lola dhiisanii harka kennan. Jimmaa Abbaa Jifaaris biyyootii harka kennanii gibira mootummaa Goojjamiif kennan keessaa tokko turte. Mootiin Leeqaa Naqamtee Morodaa jedhamu Oromoon Gibee kan biroo osoo hin miidhamin akka harka kennan ergaa dabarseera jedhama. Yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti Minilik oduu Guumaa humna Takle Haymaanotiin injifatamuufi Jimma gibira gabbaruufii dhaga’e. Yegguma kana hogganaa waraana isaa Goobanaa Daacee gara kibbadhihaatti erge. Bakka Imbaaboo jedhamutti humna Minilikiif Taklehaymaanot jidduutti lolli geggeeffame. Hoggantoota waraanaa lamaan kan Goobanaa Daaceefi Darasuu jidduutti lolli ulfaate. Humni Minilik baay’achuu ogga argu Darasuun naannocha lakkisee baqate. Humni Shawaa humna Goojjam Caamsaa bara 1882 naannoo sana irraa ari’e. Ol aantummaa naannoo Gibee humni Shawaa to’ate. Humni Minilik erga humna Taklehaymaanoot ari’ee Abbaa Jifaarii wajjin walii galtee uume. Kan Minilikiin bakka bu’ee walii galtee mallateesse Goobanaa Daacee ture. Walii galtechis kan armaan gadii ture: Gara Minilikiin Minilik dhimma Jimma keessa seenuu dhiisuu Humni waraana isaa Jimma keessa qaxxaamuruu malee qubachuu hin danda’u Jimma biyya Muslimaa waan taateef isii keessatti bataskaana ijaaruun hin ta’u Gara Abbaa Jifaariin immoo Mootii ta’uu Minilikiif beekamtii kennuu Gibira waggaa isaaf kaffaluu fi Yoo barbaachisaa ta’e yeroo lola adda addaatti humna waraanaatiin deeggaruu ture. Walii galteen kun hariiroo Jimmaafi Shawaa gara fuulduraa murteesse. Abbaan Jifaar waggaa waggaatti Minilikiif gibira gabbaru turan. Mootoleen Gibee hafan afran waraanaan barbadaa’anii waraana kiristaanaa jala oolan. Bataskaanni keessatti ijaarame. Abbaan Jifaar gorsa ulamootaa dhaga’uudhaan nageenyaan hafanii gibira qofa gabbaran. Mootummaan isaanii erga sanaatii waggaa shantama mootummaa of dandeesse taatee turte. Akka Dr. Kataboon dubbatetti haaluma kan Abbaa Jifaariin wal fakkaatuun mootoleen Leeqaa lamaanii Kumsaa Morodaafi Jootee Tulluu lola dhiisanii nageenyaan mootummaa Minilik qeebalanii turan. Isaan lamaanuu maqaan mootii jedhamu irraa haqamee Dajjaazmaach kan jedhuun waamamaa turan. Kumsaadhaaf maqaan Kiristaanaa kan Gebre-Egzi’aabheer jedhus kennameera. Jooteen garuu Dajjaazmaach kan jedhu qofaan hafe. Maqaan mootii jedhu isaan irraa kaafamee maqaan Dajjaazmaach jedhamu kan taayitaan isaa Raasii fi mootii (nigus) jidduutti argamu kennameef. Garuu daangaa biyya isaanii bulchaa turan. Hogganaan Muslimaa kan daangaa Itiyoo-Sudaanii ture Abdurrahmaan Beellaa Shaangul Dajjaazmaach jedhamee ture. Muhammad Waad Mahmuud immoo maqaa Fiitawraarii jedhutu kennameef. Sheykh Hojoleen garuu maqaa Sheykh jedhuun hafan. Kan Abbaa Jifaar immoo maqaan seeraan kennameef kan barreeffame hin jiru. Barreeffama garii irratti Abbaa Jifaar qofa jedha. Gariin sulxaanaan isaan dubbata. Garuu ummata Jimmaa biratti maqaa mootii Abbaa Jifaar jedhuun beekamu. Jimma keessatti Abbaan Jifaar erga Minilikiin walii galaniillee maqaa mootii jedhamuun beekamu. Minilik maqaa Atsee (mootii mootolee) kan jedhuun waan of waamuuf Abbaan Jifaar mootii jedhamuun taayitaa isaanii waan wal qixxeessu hin fakkaatu. Garuu kun bara 1889 booda ture. Maqaa Atsee jedhuun Hayle Sillaaseenuu of waamaa ture; garuu bara isaa keessa mootiin biraa kan inni hogganu hin jiru ture. Kanuma waliin Abbaan Jifaar warra akka Kumsaafi Jootee irraa waan ittiin adda ta’an ni qabu. Kumsaafi Jooteen to’annoo Raas Damusee jala godhamanii turan. Garuu qaamni Abbaa Jifaar to’atu tokkollee hin ramadamne. Gibiras ofumaaf Minilikii geessaa turan. Gara boodaa keessa nama biraa bakka buusanii erguu eegalan malee gara jalqabaa ofumaaf geessaa turan. Gibirri bara 1882 kaasee bara baraan akka dabalaa ture beekamaadha. Garuu yeroo naannoo biraatiin wal bira qabamu Jimma keessatti kan nama dhuunfaa irra kaa’amu salphaadha. Namni Jimmaa kan gibira nurratti ol fuudhan jedhee Abbaa Jifaar komatu hin jiru; inumaa ummanni hunduu biyya keenya bilisa hambisan jedhee isaan galateeffata. Biyyoonni oll

aa kan akka Kafaa, Dawroofi kanneen biroo gabroomfamanii gurguramaa turan; Jimma garuu kabajaadhaan waggaa shantamaa ol mootummaa isaatiin of danda’ee jiraate. Abbaan Jifaar yeroo gibira gara Finfinnee geessan bakka baay’ee maqaa moggaasaniiru. Fkn Walqixxee, Tafkii, Sabbataafi Asgorii fi knkf ture. Yeroo Finfinnee ga’an immoo mana isaanii Aqaaqii ture qubatu. Abbaan Jifaar walii galtee isaanii guutuudhaan yeroo duula adda addaa Minilikiin gargaaraniiru.

Kutaan itti aanu ammoo Akkaataa du'a isaanii kan isiniif dhiyeessinu ta'aam