Izeddinkelifa

Joined 15 December 2019
Latest comment: 12 days ago by Izeddinkelifa in topic Akka aadaa keenyaa Obbolewwan martuu. Nagaan isin Gaafadhaa ashamaa akkam jirtu xiqqaafi guddaan jiraadhaa hundumtuu Arjaa namaaf gaaddisaa ilmaan shan gibee Rabbitu eebbisee wolitti nu qabe biyya badhaafamte ganamaan jaalala hunduu itti baqatee Gammachuudhaan bulee. qanani'ee gala Dachii Hundumtuu. keessatti baqatee sodaa tokko malee keessatti guddate. badhaatuu angaatuu dachii magariisaa burqaa yaa'een dhumne bara hunda Lalisaa. qe'ee nagaaf mirgi keessatti dagaage qe'ee nama dursee qaroomina raage. burqaa beekumsaafi falaasama dhalootaa, qe'ee dhugaaf haqaa gadameessa goototaa biyya mootummoota hundee qabsaa'otaa seenaan kee ol ba'ee addunyaaf mullata Shanan ijaaramaa Gibeerra dhaabbattu Afrikaarra dabartee addunyaaf mullatu ijaarsa mootummaa limmuu hanga guumaa geeraa qaxxaamuree Hanga gommaaf jimmaa Hangafa beekumsaa qe'ee quufaaf gabbinaa gara laafessa hawaasaa qe'ee jaalalaaf ulfinaa. dachii gootaa biyyaa kumaan biqilchite leenjisa tolchitee biyyaaf dabarsite qe'ee safuun dhalatee keessatti guddate Hundumaa dandeessee ofitti fudhatte. Guumaa gaafa lolaa hundatu ragaadha seenaa gaafa shaabiyaa Barbaadaa qoradhaa. Guumaan Biyya guutuuf wobii dhugaa taatee woyyaaneef shaabiyaa kokkeerra ejjatte. abbaan beeku beeka lola gaafas ta'e waan bakkee ganjiitti gootonni keenya Ta'e himamuu dhabeetu Awwaalamee hafe kanaaf seenaan keenya akka badduu kufe. takkaa duuba hin jenne dhimma biyyaa keessaa taateen jaarraa kanaa ol jedhee si faarsa.. Rabbitu eebbise quufeetu jiraata harkaa dhabeen beeku ormaafuu ni laata laggeen sululaa, hallayyaafi tabbaa, dachiin shanan gibee dhugaan eebba qaba. dachii magariituu Lalistuu bonaaf gannaa. badhaatuu woqtii maraa argamaaf teessoo bunaa. Qe'ee quufa malee beelaan wolin beekne arjummaan beekamu takkumaan waakkanne ummata beela'aa Waamee beela baasu miidhama namaatiif imimmaan lolaasu fuudhamee irraan dhumu qe'ee dhadhaaf dammaa urgaafi mi'aatu keessaa unatama jela isii badhaasee albuudaan miidhagsee gubbaa margaan faayee bineensa horsiisee. Laggeen keessa yaasee itti naannesse Rabbi ammas yaa gooftaakoo hamtuu nurraa qabi. Allaattii bareeche gosa simbirrootaa ajab yaa miidhaga qe'ee hayyuuf gootaa. daraaree birraan geenyaan mukkeen firii baasaa bineensa hedduutu ari'ee wol gaansa. akaakuu biyyeefi gabbina lafa keessaa akaayii osoo facaasan margee damee baasa. Laggeen burqaan addaa bakka tokkotti yaa'u kan gibeen irraan marsee Oromiyaa wol ga'u. jaalalaaf tokkummaan biyya woliin ga'ee Kanatu ragaadha akka eebba ta'e Qe'ee ilaaf ilaameen dubbii ofii fixatu ormaafuu dhaabbatee nagaadhaan dubbatu worra gaaddisa nagaa jelatti wol ga'ee Rabbiinis gargaaree nagaa isaaf ta'e. ijaaruu malen diigu biyyaafuu wobiidha Kaleessa akkas ture boriifis qophiidha. seenaatu nu beeka seenaa ijaaramaa waan lafarra jiru woldaan maccaaf tuulamaa ayyaantummaa qabna kanaafuu shan taane garaa haadha tokkoo gibeerra naannofnee qaroomina dursaa addunyaa barsiise bililleetu geessee faranjii agarsiise Abbaan jifaaris Ijaarama cimsee Maqaa keenya Gaarii Adduunyaa barsiise. Nuunis ilmaansaa mataa ol nu Qabachiise. Of ta'uuf wol ta'uu jaarraa hedduu duraa ijaarama gibeerraa seenaa qoradhaa baraa shanan gibee jechuun gaaddisa hawaasaa nageenyaan yoo seenan hunda keessummeessa. ammallee dagaagaa margaa firii baasaa akkuma kaleessaa goota heddummeessaa. beekumsaanis cimaa harka wol qabadhaa bara rakkaaf bal'oos wolumaan dhaabbadhaa. seenaa abbootii keenyaa lafatti hin gatinaa amaanaa goototaa Lafatti hin dhiisinaa Akka mootii gumaa cimaatii dhaabbadhaa seenaa isaa dhokate qoradhaa deeffadhaa Akka sheekota guumaa Cimina haa qabaannu ofirra dabarree biyyaaf haa dhaabbannu gootota guumaan biqilchee harra dagatame ifaajeen isaanii lafatti gatame. wollaahii nama boonsa osoo itti beeknee garuu nu wollaallee marree irra teenye gootota diina gubee biyya keessaa baasee guutuu Oromiyaa mataa ol qabsiise Dhaloonni ol kaasee silaa ittiin dhaadataa silaa yoom tasuma hundi nutti taphata ijaaramuu dhabnee addaan faffacaanee waan ofii dagannee nama koflaa taanee nama seenaan qabne hundatti fakkaannee gabaa namaa keessa guyyaa adii baane Ijaaramuu malee falli biraan jiru nu callifnee rafnaan namni nun jijjiiru ijaaramuu qabna gaaddisa tokkotti hanga dhugaan keenya Bakka argatutti.

Seenaa Gabaabduu dargaaggeessa Gorilla jedhamuun beekamu

edit

Copyright status: File:Izeddin Kelifa ti.jpg

bahasa melayu  català  čeština  dansk  deutsch (Sie-Form)  deutsch  english  español  français  galego  hrvatski  italiano  magyar  nederlands  norsk  norsk bokmål  norsk nynorsk  português  polski  português do Brasil  română  sicilianu  slovenčina  slovenščina  suomi  svenska  türkçe  беларуская  беларуская (тарашкевіца)  български  македонски  русский  українська  ಕನ್ನಡ  ತುಳು  മലയാളം  한국어  日本語  中文(简体)  中文(繁體)  עברית  العربيَّة  فارسی  +/−
 
This media may be deleted.
Thanks for uploading File:Izeddin Kelifa ti.jpg. I notice that the file page either doesn't contain enough information about the license or it contains contradictory information about the license, so the copyright status is unclear.

If you created this file yourself, then you must provide a valid copyright tag. For example, you can tag it with {{self|GFDL|cc-by-sa-all}} to release it under the multi-license GFDL plus Creative Commons Attribution-ShareAlike All-version license or you can tag it with {{PD-self}} to release it into the public domain. (See Commons:Copyright tags for the full list of license tags that you can use.)

If you did not create the file yourself or if it is a derivative of another work that is possibly subject to copyright protection, then you must specify where you found it (e.g. usually a link to the web page where you got it), you must provide proof that it has a license that is acceptable for Commons (e.g. usually a link to the terms of use for content from that page), and you must add an appropriate license tag. If you did not create the file yourself and the specific source and license information is not available on the web, you must obtain permission through the VRT system and follow the procedure described there.

Note that any unsourced or improperly licensed files will be deleted one week after they have been marked as lacking proper information, as described in criteria for deletion. If you have uploaded other files, please confirm that you have provided the proper information for those files, too. If you have any questions about licenses please ask at Commons:Village pump/Copyright or see our help pages. Thank you.

This action was performed automatically by AntiCompositeBot (talk) (FAQ) 17:05, 19 December 2022 (UTC)Reply

Risaa ta'i malee isa fagaatee jiraatu Malee Lukkuu hin ta'in, isa biyyee haadhee Qe'ee jala Korkotuu, Jiraachuuf jecha Raammoo Funaannatu Waan itti kennanis Harka Namaa Eeggatuu Risaa yoo taate Yaada keetiin Deemtaa Kan darberra Tartee Kaayyoo keetiif jarjartaa. Hamtuun sin Darartuu Harkaa Balaliita Roobas hin sodaattuu Obbonboleettii jaallattaa Ittis Fayyadamtee Samii keessa Kaatta.. Shiraaf Sherriif Ati yoom jilbeenfatta. Galaana Lixxee, Qurxummii kiyyaataa. Itti Xiyyeeffattee Qacam Gootee Qabattaa, Du'aa irraa fagaattee Fayyaa Qaltee nyaattaa. Qabbawaa dhiistee ho'aadhaan jiraattaa. Boriifis hin Yaaddoftuu IGUMA kee Abdattaa. Ilmaan keetiif kinoo fakkeeenya Ni taata, Gootummaa keetis Akkanaan dhaalchiftaa, Kanaaf Risaa ta,i Malee lukkuun Rahin Bakka deemtu beektaa, Borus dhaloonni Ol Si Kaawwataa, Waan Gaariif Si Abdataa. Seenaan Si YaadaTaa

edit

Risaa Ta'i Izeddinkelifa (talk) 16:51, 23 November 2023 (UTC)Reply

Dargageessi Nsanzimana Elie, ykn ammoo namoota naannoo isaa biratti “mucaa saree” jedhamuun beekamu bara 1999 bulchiinsa kibba Ruwaandaa, Lafa Tulluu kan jiraattota biratti Ganda gorillaatiin beekamtu keessatti dhalate. Dargaggeessi kun haadha isaatiif Ilmoo 6ffaa yoo ta'u Haati isaa ijoollee shanan jalqabaa du’anan erga dhabdee booda, “mucaa kamiyyuu akka argatu Waaqayyoon kadhachuu isheedubbatteem . Nanzimanan yeroo dhalatu mataan isaa xiqqaa fi bifti fuula isaa kan hin baramne waan ta’eef hiriyoota isaa irraa adda isa godheera. Akka Giddu-galli To’annoo Dhukkuboota (CDC) jedhutti, dhukkubni Guddina sammuu hin baramne kun yeroo ulfaa uumamu irraa kan maddu yoo ta’u sababoonni dhukkuba maaykirooseefaalii kan beekamu miti, garuu jijjiirama jiiniiwwan daa’immanii irraa uumamuu kan Kan danda’e dha jedha, Dargaggeessi Nsanzimana Elie jedhamu bosona keessa kan jiraatu yoo ta'u, bifa isaa irraa kan ka'e ganda isaa keessatti dorsifamaa fi namoonni saree jedhanii isa waamu. Haati isaas ijoollee ishee jalqabaa shanan erga dhabdee booda kadhannaa isheef deebii Waaqaa waan ta'eef akka isatti hin qaanofnes dubbatti. Nanzimanan Yeroo guddachaa deemu sirnaan dubbachuu waan hin dandeenyeef yeroo baay’ee bosona Nyungwe keessa dhokatee nyaata bilcheefame dhiisee muuzii fi fuduraalee addaa addaa nyaachaa jireenya isaa bosona keessatti Akka dabarsuufi marga akka nyaatu haati isaa kan dubbattee dha Sababa kanaa Haati isaa kun guyyaa guutuu bosona keessa fiigaa waan tureef halkan hunda gara manaatti isa fiduuf isa ari'aa akka turte dubbatteetti. Kana malees Nyaata akka hin jaallannee fi osoo inni hin nyaatin guyyaan akka darbu dubbatteetti. Haati Eliyaas yeroo hunda ollaan ilma ishee,kanaan saree, gorillaa fi maqaa fokkisaa biroon yeroo arrabsan garaan ishee akka cabsu dubbatteetti. Akka jettutti, Namni tokko yeroo isa doorsisu, isa arrabsu ykn isa reebu yeroon dhaga'u hundatti dhuguma dhukkuba onnee natti fida. Mucaan koo qulqulluudha, gonkumaa nama irratti miidhaa hin geessisu, yeroo tokko tokko namoonni bineensota jedhanii yeroo isa waaman fi akka namaatti isa ilaaluu dhiisuun aarii koo kan Dabaluudha jettiim Maqaa balleessiin hawaasummaa kun jiraatus, haati isaa gaaffii fi deebii miidiyaa televijiinii irratti taasisaniin Qaama hir'uu fi bifa fokkisaa qabaatus harmeen Elin 'mucaan kiyya kennaa Waaqati, qajeelaadha,hamaa hin dalagu, mucaan koo maaliif jibbama ? yeroo namoonni arrabsaniif tuffatan onneen kiyya baayyee caba' jechuun jaalala isaaf Qabdu dubbatti. Kana malees, “Elie mucaa koo isa ja’affaa yoo Ta'u Erga obboloonni isaa du'anii booda addaan baane. Mucaa biraa akka argannuuf Waaqayyoon kadhanne akka carraa ta'ee, Elie'n eebbifamne. Amma akka kennaa samii Waaqayyo biraa argadheetti isa nan jaalladha, baay’ees isa jaalladha.” Jette. Kanarraa kan ka'e maatiin isaa fedhiiwwan bu'uuraa biroo keessaa nyaata dhiyeessuu dabalatee qormaata hedduutu mudate. Seenaan isaa Fulbaana keessa erga qilleensarra ooleen booda mata duree oduu ta'ee deeggartoota irraa deeggarsa guddaa argateera. Arjoomtonni mana haaraa ijaaranii meeshaalee manaa isaaniif mijatan hunda Guutanii ittis ilma fi haadha Waliin jireenya isaanii itti jijjiiraniiru, Mucaan saree” Ruwaandaa amma nama jijjiirame ta’eera. Waggoota dheeraaf bosona keessa dhokatee erga turee booda, Waggaa 21 booda garuu Naziman Elin TV biyyatti irratti dhiyaatee seenaan isaa guutummaatti jijjiirame.Ummanni Ruwaandaas qarshii walitti qabaniifii holqa keessaa ba'ee villaatti akka galu godhan.Amma Elin nama beekamaa addunyaa kanaati.Namoonni suuraa isa waliin ka'uuf dabaree eeggatu.Eilin yeroo ammaas Uffata beeksisuun dizayineroota biratti nama filatamaa ta'eera.Nazimana Elin amma dureessa beekamaa ta'eera.Namni bineensota faana holqa keessa jiraachaa ture amma namoota faana jiraachaa jira.Namoota biratti Jaldeessaaf Gorillaa haa jedhamu malee Elin haadha isaaf kennaa Waaqaa akka ta'e namni tilmaame hin turre. Namoonni kanaan dura karaa isaa jibban amma deeggartoota isaa waan ta'aniif hedduun isaanii ofii isaanii waliin suuraa ka'uu barbaadu kunis Elie gara nama beekamaatti jijjiireera. Asirraa Wanti Nu hubannu tokko Ilmi namaa eenyumtuu Akkaa fi bakka Filatee kan irraa dhalatee miti! kanaafuu Jarjarree Murtee Boru itti Nu Qaanfachiisu murteessuu irraa Akka of Qusachuu Qabnuudha, Kana malees jireenyi Ati ardha Jiraattu Boru Jijjiiramuu akk danda'us Hin dagatin, Bifaa Fi Qabeenyi Nuti Ardha ittiin boonnu kunis nu Dogoggorsuu hin Qabaatiini, Hunduu yeroo isaa eeggatee Osoo Nuti hin beekin Nurkaa Deemuu Akka danda'u Yaadataa jiraadhu jechuun Dhaamsa koo Asumarratti xumura.

edit

Kun seenaa Gabaabduu Dargaggeessa Jireenya bineensaa irraa gara villaatti jijjiiramee kan isin biraan Geenyu ta'a ,hanga xumura sagantichaatti Nuu waliin turaa kan isiniin jedhu, an izeddin kelifaati Izeddinkelifa (talk) 16:53, 23 November 2023 (UTC)Reply

edit

Copyright status: File:22-12-11-12-35-14-232 photo.jpg

bahasa melayu  català  čeština  dansk  deutsch (Sie-Form)  deutsch  english  español  français  galego  hrvatski  italiano  magyar  nederlands  norsk  norsk bokmål  norsk nynorsk  português  polski  português do Brasil  română  sicilianu  slovenčina  slovenščina  suomi  svenska  türkçe  беларуская  беларуская (тарашкевіца)  български  македонски  русский  українська  ಕನ್ನಡ  ತುಳು  മലയാളം  한국어  日本語  中文(简体)  中文(繁體)  עברית  العربيَّة  فارسی  +/−
 
This media may be deleted.
Thanks for uploading File:22-12-11-12-35-14-232 photo.jpg. I notice that the file page either doesn't contain enough information about the license or it contains contradictory information about the license, so the copyright status is unclear.

If you created this file yourself, then you must provide a valid copyright tag. For example, you can tag it with {{self|GFDL|cc-by-sa-all}} to release it under the multi-license GFDL plus Creative Commons Attribution-ShareAlike All-version license or you can tag it with {{PD-self}} to release it into the public domain. (See Commons:Copyright tags for the full list of license tags that you can use.)

If you did not create the file yourself or if it is a derivative of another work that is possibly subject to copyright protection, then you must specify where you found it (e.g. usually a link to the web page where you got it), you must provide proof that it has a license that is acceptable for Commons (e.g. usually a link to the terms of use for content from that page), and you must add an appropriate license tag. If you did not create the file yourself and the specific source and license information is not available on the web, you must obtain permission through the VRT system and follow the procedure described there.

Note that any unsourced or improperly licensed files will be deleted one week after they have been marked as lacking proper information, as described in criteria for deletion. If you have uploaded other files, please confirm that you have provided the proper information for those files, too. If you have any questions about licenses please ask at Commons:Village pump/Copyright or see our help pages. Thank you.

This action was performed automatically by AntiCompositeBot (talk) (FAQ) 18:05, 23 November 2023 (UTC)Reply

File:Afaan oromo.jpg

edit
 
File:Afaan oromo.jpg has been listed at Commons:Deletion requests so that the community can discuss whether it should be kept or not. We would appreciate it if you could go to voice your opinion about this at its entry.

If you created this file, please note that the fact that it has been proposed for deletion does not necessarily mean that we do not value your kind contribution. It simply means that one person believes that there is some specific problem with it, such as a copyright issue. Please see Commons:But it's my own work! for a guide on how to address these issues.

Please remember to respond to and – if appropriate – contradict the arguments supporting deletion. Arguments which focus on the nominator will not affect the result of the nomination. Thank you!

A1Cafel (talk) 16:40, 29 January 2024 (UTC)Reply

Kaleessa kee hin Dagatin! Kaleessi Kee milka'ina borii keetiif Fkn Guddaa siif ta'a Namni kaleessa isaa yaadatu Borii isaaf Galaa Ol Kaawwataa adeema!! Gaddaaf Gadadoo ati Kaleessa Dabarsite! Ilma namaa birattis Of Sijibbisiiftee mataa Gadi Siqabachiifte, Ati nama Kaayyoo fi Murannoo Darbees Obsa Qabu Taanaan,Waan Guddaan Akka Siif Jijjiiramu Abdii Qabaadhu! Garuu kaleessa Kee Yaadadhu! Adduunyaa amma keessa jirru keessatti Namoonni milkaa'anii bakka yaadan Gahan! Namoota kaleessa Daandii Gubbaa bulaa fi Harka namaa irraa nyaataa Daddarbatamaa turaniidha! Darbees Baayyeen isaanii Maatii Harka Qalleeyyiirraa kan Dhalatanii dha! Naamoonni Kunneen Namoota Ciniinnatanii cichoominaan Cancala Sakaallaa kutanii keessa Darbanii dha!! Isaan warra Ciccimoo Adduunyaan kun isaanitti Gammadaa jiraattuudha! Faallaa kanaa Ammoo Namoonni ifaajuu malee milkaa'inaan wal hin agarre! Akkasuma! Hawwii warra milkaa'ee Qofa Faarsaa Oolan. Namoota Kaleessa maal keessa Akka turaniifi ,ardha karaa kamiin irra adeemaa Akka jiraniif.bor ammoo galma isaanii hin beeknee dha! Gufaatii fi mufaatiin akkasuma ifaajiin kee kaleessaa! Galma Gaariin Akka sigahus Obsaa fi Bu'aa Hawwii keetiifis Abdii Rabbii Qabaadhu! Kaleessa Yaadadhu! Kaleessi kee Galaa Borii keetii tahuu Hin Dagatini!

edit

Kaleessa Kee hin Dagatin/don't forget your yesterday's Izeddinkelifa (talk) 07:36, 29 October 2024 (UTC)Reply

Madaallii ilma namaa... Ati nama maaliin Madaalta? Ilmi namaa gochaa isaa kaleessaan kan madaalamu miti. Kana jechuun Gochi isaa duraan inni dabarse Gaariifi badaa ta'uu danda'a.. haa ta'u malee Gochoota san irraa jijjiiramuu waan danda'uuf madaallii isaa keessaa kan isa Galchuu danda'u miti. Akkasumas bakka ardha jiruu fi Akeeka isaa boriinis kan madaalamuu miti. Bakkinni ardha jiru akkuma Guyyaan dabareen jijjiiramaa adeemuun boru Carraa biraatti isa baasuu waan danda'uuf...madaallii isaa keessa galuu kan qabuu miti. Kana malees, bifaa fi Qabeenya isaa ardhaa irrattis ta'uu hin qabu, kunis yeroo isaa eeggatee baduu fi jijjiiramuu danda'a waan ta'eef.. Bifa inni irratti uumame yoo kan ilaaltu ta'e, ergisa waan ta'eef dhukkuba xiqqoon battalumatti irraa mulqamuu kan danda'uu dha. Qabeenyas yoo ta'e Kan Guyyaa keessa argamee Libsuu tokkotti namarkaa badduudha...kanaafuu Ilmi namaa kan madaalamuun Nama Ta'ee dhalachuu isaa fi namummaa Inni namaaf qabu irratti kan hundaa'uu qabuudha... Kana jechuun wantoota inni eega adduuniyaa ifaatti bahee argateen osoon taane. Nama tahee dhalachuun isaatuu madaallii namummaa keessa kan isa galchuu qabuudha..kanaan ala, ala isaa ilaalanii murtii fuuldura isaa hin beekin murteessuun dogogara ta'uu waan danda'uuf,

edit

Madaallii ilma namaa! Izeddinkelifa (talk) 07:37, 29 October 2024 (UTC)Reply

Callisuun Caqasuu Filadhu! [ ] Yoo nama Dhaggeeffattu Callisuun Qalbisuu filadhu [ ] Yoo Namoota Baayyee keessa jiraatte Callisuu filadhu. [ ] Nama Gatii kee hin Beekne Biratti Callisuu filadhu. [ ] Yoo miira aarii qabaatte callisuun siif caalaa dha [ ] Yoo barnoota barbaadde Callisuun Hordofuu filadhu. [ ] Yoo murtoo murteessitu callisuun Calaqisuun murteessi. [ ] Yoo Milkii barbaadde Callisuun Hojiin Mirkaneessuu Filadhu. [ ] Callisuun kee waan hunda akka ati caaltee argamtuuf carraa kan siif banuudha. [ ] Yoo Callifte Collee caalaa namaa tahuu kee hin Dagatin! [ ] Callisuun cancala Si marse kutuuf kutannoo qabaadhu.

edit

Callisuun Siif caalaadha filadhu, be silence good for your lif do it option. Izeddinkelifa (talk) 07:38, 29 October 2024 (UTC)Reply

[ ] Goonkumaan dagadhu jireenya koo bara ijoollummaan keessa dabarse. Keessattuu ganama obboroo isa raadiyoo Philipsin, mata Duree kootii, ETV afaan oromoo ganama sa'atii 12 taheera jennaan, isan garaa koo duwwaa,fuula koo qofa Dhiqadhee, lafa fagoo fiigee barumsa baradhaa tureem.. [ ] Anootii hin dagannee, isa barsiisaan mataa kootiif jecha, Lafti natti Guyyaanaan ulaa mana barumsaa irra taa'ee na eegee, jilbaan na daaimsiisee, caroo Qopheeffatee barruu harka kootii keessa 5_10nii na cagadaa tureem... [ ] Anootiin dagadhuu isan halkan faanusii fi korraaziin hojii manaa barsiisaan nuuf kenneef halkan kitaaba qo'ataa fi Barreessaa bulu. [ ] Ammallee Anootiin Dagadhuu isa Kopheen philastikiin saamu'eelii jedhamtu naaf bitamnaan , torbee tokko qofa uffadhee miila na nyaate jedhee cicciree, Qarshii 2tti Gurguradhee, dhokadhee mana shaayii seenee daabboo tokkoo fi shaayii tokko ajajadhee ittiin galee... [ ] Anootiin Dagadhuu isan Akkoo duuka Gabaa dhaquuf booyaa turee karameellaa fi koshoroon siif bitee dhufa jennaan bo'icha dhiisem... [ ] Ammallee nan yaadadha, isan bishaan daakuu dhaqee Sodaadhee Galeem. [ ] Ammalleen dagadhu, isan hiriyoota koo faana biyyii fi kuwaasii moofee Taphataa Oolee Galgala Lafti dhiinaan manatti Galuu. [ ] Anootiin Dagannee. Isa ollaan koo Ganamaaf Kalgala manasaa citaa keessaa, ibidda bukki bukki godhaa Aaras Gubbaan Yaasaa, [ ] akka waan walitti himanii Gamaaf Gamanaa mooyyee bunaas waliin rukutaa turanim [ ] Anoo nan yaadadhaa isa maatiin koo Golgee fi diinqatti Dubbii ajaa'ibaa akka dammaa mi'aawu dubbataa irbaata Nuuf dhiyeessani. [ ] Anootii nan yaadadhaa, isa kibiriitiin mana keenya keessaa dhumnaan Ollaadhaa giimii ibiddaa Galii cabaatti baadhadhee fidee qabsiisuufi.. [ ] Anootiin dagannee. Gaafa ayyaana waggaaf huccuun naaf bitamnaan, hirribarraa dammaqee ol jedhee ol jedhee jiraachuu ishee lafatt ilaalu... [ ] Anootii nan yaadadhaaa isa Lafti Dukkanoofnaan ifaa malee Gadi bahuu sodaadhu. [ ] Anootiin Dagannee, isan maatii kootiif midhaan baabura ykn oofcoo Geessee, Daakuu Daaksisee mataatti baadhee Lafti Natti Dukkanoofnaan barbaadamee Galuu.. [ ] Anootii Nan Yaadadhaa, isa Biqilaa eegi Naan jedhamnaan, loon midhaan Narkaa nyaannaan Manatti Galuus an Sodaadhuum. [ ] Anootiin Dagannee, isan ganama gaafa boqonnaa barumsa kootii, ababbaa Koo waliin sangaa Camadee Lafa qotaa oolum. [ ] Ammallee nan yaadadha bara san, isan nama bilbila qabu of fakkeessee calculator bitadhee yeroon nama bira Gahe Gurratti Qabataa bira Darbuu.. [ ] Anootiin dagadhuu, isa Loon Galgalaan manatti galuu didnaan, eegee dhabnaan Tiriikaan Rooba keessa Barbaadee manatti Galchaa turee. [ ] Anootiin dagannee, isa daboon walitti waamamee lafa Qonnaa fi Mana ijaarsa wal gargaaree lafas ho'isee battalatti xumuree galuu. Kun Hundumtuu Deebi'uu taatiiree yaadannoof yaadanne malee... Ardha jiraannee jireenyi bakka ofii filatte Nu Geessitus, Kun martuu jireenya nuti ijjoolleen baadiyyaa agarree keessa Dabarreedha. An kanuma Sammuu koo dura na dhufen isin yaadachiise malee kan hafes hedduudha.

edit

yaadannoo bara ijoollummaa! Childhood memories Izeddinkelifa (talk) 07:39, 29 October 2024 (UTC)Reply

Akkuma beekamu yeroo Ammaa social median, kan dhiyaate fageessee, kan fagaates dhiyeessee, Gola tokko keessatti walitti Qabeera! Gola kana keessatti adiif gurrachi beekaaf walaalli. Ifaafi dukkanni Kan waliin Dorgomaa jiraniidha. Haa ta'u malee. Social media Gola tokko addunyaa taasise kana keessatti, hagam keenyatu seeraan itti fayyadamaa jiraafi, Social median kunis hagam keenyatti fayyadamaa jira yoo jennee of Gaafanne, deebii mataa keenyaa kan of gaafannee Kenninuudha. Garuu yeroo ammaa kana hayyuun Dhalootaaf Kallattii borii Akeeku Callisee, walaalaan hayyuu tahuun akkaataa itti fayyadama isaa fayyadamtoota harkaas jijjiiree harka isaa keesaatti dhaloota Kuffiseera! Gara hawaasa keenyaatti yoo deebinu. Keessattuu namni keenya yeroo ammaa beekaa caqasee beekumsa dabalataa argachuu fi teknologiin qaroomee qorachuu irraa, bakka wallaalaan arrabaaf safuu hin eegganne dubbatu jala yaa'ee dhaggeefachuuf waan boru isan fayyadne irraa qalbeeffachuun, yeroo ofii Qaalii deebi'uu hin dandeenye bakkan malletti kan gubaa jiraniidha. Hayyuun Callisuunifi Wallaalaan beekumsa malee Beekame, Akka dhaloonni borii isaaf Galaa hin Guduunfanneef Sakaallaa Sababa Guddaa taheera, Maal kana qofaan dhaabbateree!? Gochoota safuu Sabichaa fi amantiin hin eeyyamneen yeroo jeeqamnu keessas Geenyeerra. Gochoonni kun booda kana waan baratamaa tahee namoota social miidiyaa fayyadaman mara wal gahuun, walitti daddabarsuun akka waan gaariittis kan ilaalamaa jiruudha, Ilmi namaa dhalatee Qaama addaa kan qabu hin jiru, akkasumas kan hin dogoggoorres kan jiruu miti, haa ta'u malee Dhaloonni kun akka waan addaa fi haaraatti ilaaluun gocha qaaniitti kan Gammadaa jiraniidha ... Ilma namaa tahee Eenyumtuu dogoggooraadha. Garuu isa dogoggore caala isa dogoggorsiisee Miidiyaa xiqqaaf Guddaan firaafi Ormi mana tokko keessa waliin jiruuf Gumaachetu Gocha hamaa Raawwate. Gochi Kun walaaluma gadaantummaa irraa madduu fi adaba dhabuu isaa irraa kan maddeedha, Haa ta'u Malee. Dubbiin ilkaan 32 bahe, Gurra 64 seena akkuma jedhamu, wanti ati xiqqootti ilaaltee social media kana irratti raawwattu sirkaa baanaan lammata sitti deebi'uu akka hin dandeenye hubachuu kan qabduu dha... Keessumattuu bara kana Eenyumtuu miidiyaa kanarraa maatii kan Qabuudham, kana jechuun, fira ykn hiriyyaa akkasumas Ollaa isa beekuu fi kanneen miidiyaan kun isaan wal barsiise jechuu dha Kun hundumtuu Gaafa Gocha Gadhee ati raawwattu argu Namummaa Ofii isaatti kan Gaddaa fi Qaanii Guddaan jireenya isaa Guutuu Jiraatuu dha. Kanaafuu osoo Namni sittin Qaanfatin Ofumaa keetii Gocha keetti Qaana'uun Of eeggannoo taasisuu kan Qabduudha.. Keessattuu irra hedduun nama keenyaa jireenya mataa ofii jijjiiruuf kan biyyaa baane yoo ta'u, social media irratti yeroo keenya hedduu Akka dabarsinuuf carraa kan nuuf banee dha, Carraa kanaanis akka Qofummaan nuttin dhagayamneef namoota hedduun wal nu barsiiseera. Nutis namoota miidiyaan kun wal nubarsiise kanaan, afaan tokko waan dubbannuuf battalumatti waliif galuun kan nu rakkisu miti, Erga wal barree dhimmoota addaa addaa keessa galuun jireenya waloo qilleensaa eegallee wal amanuun iccitii jiruuf jireenyaa waliif kennuu eegalla. Garuu osoo sekondii tokkoof dhaabbannee miidiyaa an irratti akkana akkan fedhe of godhee irraan naman barbaade waliin tahu kun ,eenyuun harka jiraafi, akkasumas dhaabbanni isaa osoo cabsamee icciitiin keenya kun bahee jennee miira yaadaan of Gaafannee Gaarii turee. Xumura irrattis Akka Gorsaatti, Qaama kee Atii fi Namni ati jaallatte Qofti arguuf eeyyamamaa taheen Alatti..nama kan biroof Goonkumaa bakkan laatin... Miira kee to'adhu! Miira kee to'achuu hin dandeessu taanaan, nama miira keessa si Galche irraa haasawa bilbilaa yeroof Addaan kutuuf Dirqami... Namni miira keessa jiru, waan dubbatuufi Gochaan agarsiisu irratti bifa salphaan injifatamuu waan danda'uuf... Nama jaalladhu malee Guutummaatti amanuu irraa of Qusadhu. Amma amantee booda Hammeenya kee akkan baafnes Of Eeggadhu... Kan yeroo ammaa iccitii baasaa jiru warra waadaa sobaan wal amananiidha. Ati ofii keetii adduniyaa kana keessaa meeshaa gatii Qaalii akka taatee fi 2ffaa argamtee bitamuu akka hin dandeenye Of yaadadhu. Yoo kana yaadatte of Eeggataa jiraatta... Social media Qabdu mara! Akka Namni biraa uumee ykn bocee Siif kenne beekuu Qabda! Abbaan waan ofii sii wajjin akka fayyadamaa jiru OFIRRATTI Beeki. Kanafuu seera Social media barree seeraan akka inni nutti hin fayyadamne itti haa fayyadamnuun dhaamsa koo xumuraati. Dogoggora jiruufis Na Ofkolchaa, Galatooma!.

edit

Social media fi Itti Fayaadama isaa. Izeddinkelifa (talk) 07:39, 29 October 2024 (UTC)Reply

Akka aadaa keenyaa Obbolewwan martuu. Nagaan isin Gaafadhaa ashamaa akkam jirtu xiqqaafi guddaan jiraadhaa hundumtuu Arjaa namaaf gaaddisaa ilmaan shan gibee Rabbitu eebbisee wolitti nu qabe biyya badhaafamte ganamaan jaalala hunduu itti baqatee Gammachuudhaan bulee. qanani'ee gala Dachii Hundumtuu. keessatti baqatee sodaa tokko malee keessatti guddate. badhaatuu angaatuu dachii magariisaa burqaa yaa'een dhumne bara hunda Lalisaa. qe'ee nagaaf mirgi keessatti dagaage qe'ee nama dursee qaroomina raage. burqaa beekumsaafi falaasama dhalootaa, qe'ee dhugaaf haqaa gadameessa goototaa biyya mootummoota hundee qabsaa'otaa seenaan kee ol ba'ee addunyaaf mullata Shanan ijaaramaa Gibeerra dhaabbattu Afrikaarra dabartee addunyaaf mullatu ijaarsa mootummaa limmuu hanga guumaa geeraa qaxxaamuree Hanga gommaaf jimmaa Hangafa beekumsaa qe'ee quufaaf gabbinaa gara laafessa hawaasaa qe'ee jaalalaaf ulfinaa. dachii gootaa biyyaa kumaan biqilchite leenjisa tolchitee biyyaaf dabarsite qe'ee safuun dhalatee keessatti guddate Hundumaa dandeessee ofitti fudhatte. Guumaa gaafa lolaa hundatu ragaadha seenaa gaafa shaabiyaa Barbaadaa qoradhaa. Guumaan Biyya guutuuf wobii dhugaa taatee woyyaaneef shaabiyaa kokkeerra ejjatte. abbaan beeku beeka lola gaafas ta'e waan bakkee ganjiitti gootonni keenya Ta'e himamuu dhabeetu Awwaalamee hafe kanaaf seenaan keenya akka badduu kufe. takkaa duuba hin jenne dhimma biyyaa keessaa taateen jaarraa kanaa ol jedhee si faarsa.. Rabbitu eebbise quufeetu jiraata harkaa dhabeen beeku ormaafuu ni laata laggeen sululaa, hallayyaafi tabbaa, dachiin shanan gibee dhugaan eebba qaba. dachii magariituu Lalistuu bonaaf gannaa. badhaatuu woqtii maraa argamaaf teessoo bunaa. Qe'ee quufa malee beelaan wolin beekne arjummaan beekamu takkumaan waakkanne ummata beela'aa Waamee beela baasu miidhama namaatiif imimmaan lolaasu fuudhamee irraan dhumu qe'ee dhadhaaf dammaa urgaafi mi'aatu keessaa unatama jela isii badhaasee albuudaan miidhagsee gubbaa margaan faayee bineensa horsiisee. Laggeen keessa yaasee itti naannesse Rabbi ammas yaa gooftaakoo hamtuu nurraa qabi. Allaattii bareeche gosa simbirrootaa ajab yaa miidhaga qe'ee hayyuuf gootaa. daraaree birraan geenyaan mukkeen firii baasaa bineensa hedduutu ari'ee wol gaansa. akaakuu biyyeefi gabbina lafa keessaa akaayii osoo facaasan margee damee baasa. Laggeen burqaan addaa bakka tokkotti yaa'u kan gibeen irraan marsee Oromiyaa wol ga'u. jaalalaaf tokkummaan biyya woliin ga'ee Kanatu ragaadha akka eebba ta'e Qe'ee ilaaf ilaameen dubbii ofii fixatu ormaafuu dhaabbatee nagaadhaan dubbatu worra gaaddisa nagaa jelatti wol ga'ee Rabbiinis gargaaree nagaa isaaf ta'e. ijaaruu malen diigu biyyaafuu wobiidha Kaleessa akkas ture boriifis qophiidha. seenaatu nu beeka seenaa ijaaramaa waan lafarra jiru woldaan maccaaf tuulamaa ayyaantummaa qabna kanaafuu shan taane garaa haadha tokkoo gibeerra naannofnee qaroomina dursaa addunyaa barsiise bililleetu geessee faranjii agarsiise Abbaan jifaaris Ijaarama cimsee Maqaa keenya Gaarii Adduunyaa barsiise. Nuunis ilmaansaa mataa ol nu Qabachiise. Of ta'uuf wol ta'uu jaarraa hedduu duraa ijaarama gibeerraa seenaa qoradhaa baraa shanan gibee jechuun gaaddisa hawaasaa nageenyaan yoo seenan hunda keessummeessa. ammallee dagaagaa margaa firii baasaa akkuma kaleessaa goota heddummeessaa. beekumsaanis cimaa harka wol qabadhaa bara rakkaaf bal'oos wolumaan dhaabbadhaa. seenaa abbootii keenyaa lafatti hin gatinaa amaanaa goototaa Lafatti hin dhiisinaa Akka mootii gumaa cimaatii dhaabbadhaa seenaa isaa dhokate qoradhaa deeffadhaa Akka sheekota guumaa Cimina haa qabaannu ofirra dabarree biyyaaf haa dhaabbannu gootota guumaan biqilchee harra dagatame ifaajeen isaanii lafatti gatame. wollaahii nama boonsa osoo itti beeknee garuu nu wollaallee marree irra teenye gootota diina gubee biyya keessaa baasee guutuu Oromiyaa mataa ol qabsiise Dhaloonni ol kaasee silaa ittiin dhaadataa silaa yoom tasuma hundi nutti taphata ijaaramuu dhabnee addaan faffacaanee waan ofii dagannee nama koflaa taanee nama seenaan qabne hundatti fakkaannee gabaa namaa keessa guyyaa adii baane Ijaaramuu malee falli biraan jiru nu callifnee rafnaan namni nun jijjiiru ijaaramuu qabna gaaddisa tokkotti hanga dhugaan keenya Bakka argatutti.

edit

Wolaloo Waa'ee jimmaa abbaa jifaar Izeddinkelifa (talk) 07:40, 29 October 2024 (UTC)Reply